Email yookin Electronic Mail jechuun sirna ergaa keenna Viidiyoo, Awdiyoo, Fakkii akksumas Barreeffanma karaa koompitaraa fi interneetiitin gara nama barbaannuu erginuudha.
Emailiin gosoota ergaa keessaa isa tokko tahee kan yeroo gabaabaa keessatti qaqqabuudha. Addunyaa kana irra namoonni Biliyoona 3.7 ol emailii akka fayyadamutu himama. Maarre emeelota addunyaa kana irra jiran hedduu yoo tahan, kanneen keessaa gurguddoon Gmail fi Yahoo mail faadha. Nuti hedduun keenya emeelota kanneen lamaan akka fayyadamnu beekkamaadha, keessattuu Gmail (Google Mail) yeroo ammaa kana namoota Miliyoona 25.1 yookin ummanni 72.8% tahantu fayyadamaa jira.
- Ani Gmail yookin hereega Google qabaa laata?
Gaaffii kana mataa keenya keessatti qabannee faaydaa Gmail qabaachuun nuuf fayyadu as cuqaasudhaan haa dubbifnuu.
Gabaabumatti herreega google jechuun oomishaawwan google.com keessaa tookk fi murteessaa kan yahe gmail qabaachuu jechuudha.
- Akkamitti Gmail banachuu dandeenya?
Duraan Dursitee wantoota armaan gadii kanneen qabaachuu kee mirknaeessi:- Koompiitara, Laptoppi, Mac yoookiin bilbila Smart tahe tokko.
- Tajaajila Interneetaa (Internet Connection)
- Iyyaafatoota (Web Browsers) kanneen akka Chrome, Fire Fox fi Opera fa'a
Tartiibaota armaan gadii sirritii hordofnaan gmail karaa salphaatti banachuu dandeetta waan taheef sirritti hordofi.
1. MAARSAARIITII GOOGLE BANUU
Iyyaafattoota armaan olitti himne keessaa tokko baniitii, iddoo hidhata itti barreessanitti Google.com jettee barreessuun, akka fakkkii armaan gadii irratti argitutti mataa gubbaa kara mirgaatiin Gmail kan jedhu cuqaasi.
2. GMAIL BANUUF JALQABUU
Yoo Gmail qabaatte sign in kana jedhu cuqaasta. Haaraya uummachuudhaaf ammo create account kan jedhu cuqaasi.
3 3. ODEEFFANNOOWWAN BARBAACHISAN GUUTUU
Dura iddoo duwwaa frist name jedhutti maqaa kee itti guuti, iddoo last name jedhutti ammo maqaa abbaa keetii itti guutta.
Iddoo duwwaa username jedhutti maqaa kee yookan maqaa iddoo gmail kee itti waamamutti kan galu barreessita. Fakkeenyaaf Gmail keenya ardimobileinfo@gmail.com kan jedhu gmail keenya yoo tahu barruun ardimobileinfo jedhu kun ammo username keenya (maqaakee@gmail.com), username kee qofa itti galchita.
Iddoo duwwaa password jedhutti ammo lakkoofsa darbii saddeet ol itti galchita, lakkoofsa qofa osoo tahee bareeda, iddoo lamaanituu lakkoofsa darbii kee itti galchi.
Idoo phone number jedhu fi Location jedhu bira dabri, egeree itti deebita waan taheef.
Iddoo duwwaa your current gmail account jedhutti ammo username kee armaan olitti ittigalchite waliin username@google.com jedhiitii itti galchi (HUB: username kan jedhu maqaa kee yookin username kee armaan olii sanitti jijjiiri).
Achi booda Next Step kan jedhu cuqaasuun akka fakkii armaan gadiitii Barreeffama baay’ee sitti dhufu yoo feete dubbisi yookaan ammo ammas I AGREE kan jedhu cuqaasi.
4. DHUGA'OOMSUU
Qubee diimaadhaan Verfy your account jedhutu siif dhufa, iddoo duwwaa gubbatti lakkoofsa bilbilaa kee itti galchiiitii verfy kan jedhu cuqaasi(HUB: koodii biyya keenyaa +251 filadhu). Ergaa lakkoofsa kee itti galchitee Continue kan jedhu fi Text Message (SMS) kan jedhu cuqaasi.
San booda lakkoofsi dijiitii jaha gara bilbila keetii siif ergama, hanga lakkoofsichi siif seenutti hanga daqiiqaa tokkoo eeggadhu, erga lajkoofsi siif seene booda lakkoofsicha itti galchiitii Continue kan jedhu cuqaasi.
Ani haa dhufu baga gara Gmail nagayaan dhufte, Gmail kee milkaa’innaan uummattee jirta.
Barreeffamoota fi fakkiiwwan argitu hundumaa bira dabruudhaaf mallattoo balleessituu cuqaasudhaan gara inbox deemi.
Ergaa tokko kan andy from google jedhu ni agarta taha, googilitu ani haadhufuu siif
erge waan taheef irratti cuqaasiitii dubbisi akkasumas balleessi.
5. SIRREESSU (Creating a profile)
t Tartiiba isa dhumaa fi isa murteessaa kana irrati ammoo Gmail erga banattee booda Fakkii kee fi akkasumas wantoota barbaachisoo tahan tokko tokko kan irratti guuttattuudha, maarree namni ati gmail ergittuuf eenyummaa akka sii beekuuf jechuudha.
Karaa mirgaatiin mataa gubbaa akka fakkii armaan gadii kanatti qubee jalqabaa maqaa keetii irratti cuqaasi, sana booda My account kan jedhu irratti cuqaasi, fuula akka fakkii armaan gadii agarta.
Iddoo fakkii qubee jalqaba maqaa keetti iconii kaameeraa of irraa qabdu san yoo cuqaafte fuula akka fakkii armaan gadii kana siif fida, sellect photo from my computer kan jedhu akkuma cuqaafteen karaa Faayilii koompiitara keetii yookin karaa Memory mobaayila keetii si akeeka, suuraa barbaadde filattee yoo irratti cuqaafte suuraan sun suuraa Profaayilii gmail keetii siif taha.
Amma maaltu hafe ree? Nama gmail qabu tokko taatee jirta waan taaheef baga gammadde. Garuu hiriyaan kee tokko akkaataa itti banatu wallaale dhama'aa jira laata, maarree miidiyaalee hawasaa irratti qoodudhaan nuufii hiriyaa keet illee garagaari.