Mobaayiloonni android yeroo baay’ee Smart Phones, jedhamuun beekkamu, Smart Phones jechuun bilbiloota, softweeroota feene akka feenetti, hidhata networkii malee irratti fayyadamuu fii softweerota kanneen immoo, akka namoonni biroo nu jalaa hin balleessine yookan hin fayyadamne karaa Paattarnii yookaan Passwardiitiin cufuu nu dandeessisuudha. Yeroo Baay’ee namoonni hedduun mobaayiloota android fayyadaman, bilbila isaanii karaa Pattarnii, Passwardii fi Piiniitiin akkasumas kara Ishaara (Finger Print) yoo hidhanii fayyadaman argina. Haa tahuu malee nammoonni tokko tokko ammo Paattarnii, Passwardii fi Piinii isaanii yeroo itti irraanfatantu jira. Ergaa Paattarnii isaanii irraanfatanii ammo bilbila san ni gatu taha, yookaan ammoo qarshii guddaa itti baasudhaan hojjachiisu taha.
Maarree atis carraan kun si mudate taha, bilbila kee baasii itti baaftee tolchisiifte yoo tahe qarshikee akka waan gatteetti lakkaawitii amman achi wanti akkasii akka sin qunnamne abdii guddaa qabna, garuu mobaayiliin kee paattarniin cufatee osoo qarshii homaa itti hin baasiin dubbisa kana dubbisaa jirta yoo tahe karaa gaarii irra jirta waan taheef itti fufi jenna.
Furmaata Guutuu namoota Paattarnii Bilbila isaanii dagataniif
Gabaabumatti Paatarnii Bilbila keetiii yoo dagatte tooftaa hedduun banachuu yokaan bilbila kee akka duraanitti deebisuu dandeessa. Tooftaalee kanneen keessaa isaan Gurguddoo fi sassalphoo tahan lama armaan gaditii siif himuuf deemna. Garuu Tooftaalee kanneen ilaaluun keetiin dura wantoota Sadeen armaan gadii qabaachuu kee hubadhu:
1. Mobaayila kan biraa (kan hojjatu yookan kan hin cufamin) yookan Laptoppii,
2. Google Mail (Gmail) fi
3. Interneetii hojjatu(Wifi Connection)
Tooftaa 1: Karaa Forgot Pttern Jedhuun
Akkuma Paattarnii dogongoraa yeroo shan itti galchiteen ergaa “you entered wrong pattern” argita. San booda “Forgot Password” kan jedhu siif dhufa, Forgot Password kan jedhu Cuqaasi. Akkuma isa cuqaafteen bilbilli kee Gmail si gaafata. Yoo Gmail qabaatte Existing Account kan jedhu cuqaasitii Gmail kee itti galchi, yoo Gmail hin qabaanne tahe ammoo
Akkaataa Gmail bilisaan itti banattu as cuqaasitii dubbisi. Idoo duwwaa irratti Gmail kee fi paswardii Gmail keetii itti galchi, san booda kara Google Play si qajeelcha waan taheef furmaata ni argatta.
Androidoonni tokko tokko ammo Try Again fi Next kan jedhu of irra qabu, yeroo san ammo Next kan jedhu cuqaafata. Erga cuqaafteen booda lama ni argatta; Gaafii(secruty question) fi herreega Google kee. Yeroo Gmail qabaatte Google Account kan jedhu filadhu san booda Gmail fi passward kee itti galchi,yoo hin qabaatiin ammo gaaffii afaan ingliiziitiin deebisuuf secruty question kan jedhu filadhu,san booda gaaffi siif dhihaatu hundaa sirritti deebisi, paaternii kee ni argatta.
Tooftaa 2: Gabaasa gara Google Galchuu
Tooftaan lammaffaan Gabaasa Google iif galchuudha, yookan isa afaan Ingiliizin Find My Device jedhamu fayyadamuudha. Tooftaan kun keessattuu warren androidii haarawa yookaan bara 2016 as uumaman sirritti fayyada. Bilbilli kee androidoota armaan gadii kana yoo tahe hamilee guugtudhaan toofataa kana fayyadami:
Android 5.0 Lollipop
Android.6.0 Marsh Mallow
Android 7.0 Nougat fi androidoota dhiyeenya kana hojjataman
Bilbilli kankeee kanneen armaan olii keessaa tokko yoo tehe tartiiba afur booda bilbila Paswardii bilbila keetii ni argatta.- Laptoppii yookan bilbila biraa kan qunnamtii networkii qabu fayyadamuun, hidhata kana cuqaasi, Gmail keetii fii passwardii kee itti galchi.
- Erga masaraatii hidhata armaan olii seenuu keeti fi gmail kee hojjachuu isaa beektee booda, kara harka bitaatiin mataa gubbaa fakkii bilbila keetii siif fida, fakkiiwwan san jalatti ammaoo Lock kan jedhu cuqaasi.
- Erga Lock kan jedhu cuqaaftee booda Pattarnii yookan Passwardii haaraya akka galchituu si gaafata, san booda Passwardii haaaraya bilbila keetiif uumuu barbaadduu yeroo lama(iddoo confirm jedhuttis galchuu hin dagatin) itti galchi.
- Gara bilbila kee kan cufatee deebi’iitii Passwordii haaraya uumte itti galchi, salphamatti bilbilli kee siif banama.
Tooftaalee armaan olii hunda isaanii sirritti yoo hordofte tahe bilbilli kee salphumatti siif banama. Tooftaaleen hundumtuu dhumarratti Paswardii kee haaraya akka filattuuf sii affeera waan taheef paaswardii of duraaf hin dagandhu jettee yaaddu itti galfadhu.
Tooftaaleen kunniin hunduu siif hopjjatuu yoo dide maaloo karaa pajii
Qunnamtii keenyaan nuuf barreessi, akkasumas pajii
Fooramii keenyaa keessatti hirmaadhu. Nutis tooftaalee biro heddu kan yeroo biraatiif qabannee dhiyaannu taha.
Yoo tooftaan armaan olii kun siif hojjate ammo hioriyoota keetiif qooduu hin irraanfatin.
MORE THEMES