Feesbuukiin miidiyaa hawaasaa isaa beekkamaa fi isa guddaa, ji'a tokko keessatti yoo xiqqaate namni Biliyoona Afur kan ilaaluudha ykn kan Fayyadamuudha.
Feesbuukiin kan jalaqame bara 2004, Feb 4, biyya USA magaalaa Kaalifoorniyaa keessatti you tahu, nomoonni kalaqan ammoo Mark Zuckerberg, Dustin Moskovitz, Eduardo Saverin, Andrew McCollum fi Chris Hughes kanneen jedhaman Doormii isaanii keessatti akka kalaqan tu himama. Hundumti isaanituu barattoota Yuunivarsiitii Harvard Kutaa Saaykooloojii turan, booda garuu ' The man behind Facebook- MARK ZUCKERBERG' jedhamuun Zuckerberg abbaa feesbuukii tahuu dand'eera.
Bara 2004 irraa eegalee hanga 2012 feesbuukiin kan hojjatu Biyya USA keessa qofa ture. Garuu 2012 booda addunyaa mara walgahuu danda'ee jira.
Akkuma Feesbuukiin Addunyaa qaqqabeen biyyoonni hedduun biyyoota Afrikaa dabalatee fayyadamuu danda'anii jiru.
Hubadhu: Akkaataa facebookii ittibanatuu dandeessuun hubachuudhaaf HIDHATA KANA CUQAASI
Haa tahuu malee biyyoonni tokko tokko garuu hin barbaannu jechuun kan Feesbuukii biyya isaani keessa akka hin seenne fi akka ummanni hin fayyadamne godhaniiru.
Biyyoonni Armaan gadii kunniin yeroo sanatti Feesbuukiin akka biyya isaanii hin seenne godhanii turan:
Kooriyaa Kaabaa, Paakistan. China. Cuba, Bangeladesh, India, Mourtius. Egypt .Siiriyaa fi Vetnama fa'i turan.Biyyoonni kunniin keessaa Kooriyaa Kaabaa fi China keessatti ammas iddoo tokko tokkotti dalagaa hin jiru.Biyyoonni kunniin sababni isaan cufaniif iccitii biyya keessaa akka gara alaatti hin baaneef yaadaniiti, keessattuu Kooriyaan kaabaa hanga ammaattii biyya iccitii jedhamuun beekkamti, feesbuukii irra profiliin ykn accountiin KIM JONG UN hanga ammaatti hin jiru ( yoo ummata fi addunyaa dogongorsiisuuf nami biraa uumate malee ).
Walumaa galatii Feesbuukiin yeroo ammaa kana hamma $50bil kuufatuun Mark Zuckerberg Abbaa qabeenyaa addunyaa 8ffaa tahuu Danda'ee jira.
MORE THEMES